HUNDEFFAMA KUSO

Kubbaaniyyaan Ujummoo Sibiilaa Oromiyaa Ittigaafatamummaan Isaa Murtaa’e (KUSO) naanno oromiyaa, godina addaa naannawaa Finfinnee Magaalaa Suluultaa keessati  Muddee 2000 ALI kan hundeeffamee yammuu tahuu Magaalaa gudditti Oromiyaa, Finfinnee irraa fageenya kilomeetira kudha shan irrati argama.

Kubbaaniyaan kun maashinoota ammayyaan kan deggarame yommu ta’u lafa bal’ina kaaree meetirii 29,000 fi bakka kuusaa kaaree meetira 71,000 kan qabudha.

Waliigalli ka’umsa kaapitaalaa ykn investimentii Kubbaaniyichaa Qarshii miiliyoona dhibba afurii fi miliyoona kudhan /410,000,000.00/ ol yommu ta,u  kana keessaa qarshii  miliyoona dhibba tokko   fi miliyoona shantama (150,000,000.00) kan ta’u faasilitii gamoo warshaaf  barbaachisan kan akka lafaa fi gamoo oomishaa guutuuf kan baasii ta’edha. Qashii miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona jaatama (260,000,000.00) kan ta’u immo bittaa maashinootaa  bituuf  kan ooledha.

Maallaqin kaapitaalaa 260,000,000.00 kun dhaabbilee Misooma Mootumaa lamaa fi dhaabbata biyya ala tokkoo wajjin waliigaltee ji’a Muddee bara 2000 A.L.I tti (December 2007EC) taasifameen walitti kan fidamee yommuu ta’u Interpiraayiziin Ijaarsa Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa qarshii 140,000,000.00 (milyoona dhibba tokkoof miliyoona afurtamaa), Interpiraayiziin Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa qarshii 60,000,000.00 (miliyoona jahaatama) fi dhaabbatni biyya ala (Golden Trade Company Ltd.) jedhamu qarshii 60,000,000.00 (miliyoona jahaatama) walitti buusuudhaan kubbaaniyaa hundeeffameedha.   

Kubbaaniyaan Ujummoo Sibiilaa Oromiyaa ujummoowwan sibiilaa  bal’ina  garaagaraa qaban (bal’ina mm88.9 (abbaa inchii 3) hanga mm630 (abbaa inchii 24) fi  dheerina hanga  meetira 12, akkasumas furdina hanga milimeetiraan 2.5 hanga mm10 kan qaban qulqqulinaan fi  bay;inaan  kan oomishuu fii hanga ammaattii biyya keenya keessattii kubbaaniyaa dorgomaa hin qabineedha.

Xummura karooraa Guddinaa fi Tiraanisfoormeshinii lammafaa (at the end of GTP2) irratti  dhiyyessi bishaan dhugaati qulqqulluu  biyyatti 100% ni qaqqaba jedhamee  yaadama. Tilmaama kana dhugoomsuu wajjin  walqabatee  dhiyyeessi  meeshalee   bishaanii  keesumaa  Ujummoo  sibiilaa  jallisii  fi  bishaan  dhugaatiff barbaachisan warshaa kanaan baayinaan kan oomishamuu ta’a.

Sababa  olka’insa gati ujummoo  sibiilaa bu’aa bahii heddu keessa darbee biyya alaa irraa galchuuf bahu haambisuu irra darbee akka salphaatti  biyya keessatti oomishamuu  danda’uu yoo ta’u, ujummoolee  kanaan  gabaa  biyyaa keessatti fedhii  bal’aa  tajaajila ijaarsa bishaan dhugaatii, jallisii, ijaarsa warshaa shukkaaraafi  industuriiwwan garaagaraa biratti barbaachisummaan isaa daraan dabalee argamaa jira. Ujummoon  sibiilaa  kanneen  biyya alaa  irraa biirookiraasii walxaxaa fi  gatii  geejibaa olaanaa ta’ee baasuudhaan alaa galchuu caalaa ujummoowwan kana  biyya  keessatti  oomishuun  gatii  walqixxaataadhaan maammiltoonnii akka argatan ni taasisa. Faayidaa inni qabuu muraasni:

Bu’aa dorgommii  gatii  dabala,

Yeroo barbaadametti dafee  akka   qaqabee  hojiirra  oolu godha.

Baasii geejiba biyya keessaa  xiqqaa ta’een  fayyadamuu dandeesisa.

Ujummoolee  haaraa  oomishaman yeroo  yeroodhan  sakata’ani  bituuf  ni  gargaara

Sadarkaa biyyoolessaatti safartoowwan qulqullina meeshaaletif ta’an guutanii argamanidha.

Biyya  keessatti  oomishamuun  isaanii  gatii  bittaa  dhaabataa  ta’een  argama ykn jijjiirama  gatii  gabaa  addunyaa, jijjiirama  gatii geejiba addunyaa  fi k,k,f irraa bilisa taassisa.

MUl’ATA

Biyyii Itiyoophiyaa  bishaan  dhugaatii  qulqulluu  akka  argattuu fi akkasumas  bakka  lafti jallisii jiru  hundatti  ujummoo sibiilaa kubbaaniyichaa  fayyadamudhaan  oomishaa fi galii  qonna jallisii irraa  argachuudhaan akka of dandeessuu fi akka omisha sharafa biyya ala argamsisan oomishuudhaan uummata ishee of dandeessisuuf karoora qabame hanga bara 2025 A.L.A.tti galmaan gahuuf  karoorfame  milkaa’ee argu ta’a.

 

“ home feeling work environment”

My work here at OSPM had been one of my great life experiences. It's a home feeling work environment that I feel proud to have contributed my share to the development of my country. I'm blessed to have a hard working team.
Urgessa Teressa
GM of OSPM

Duudhaaleen Ijoon/Sonaawwan/ Keenya

  • Al-loogummaa
  • Amanamummaa
  • Aadaa waliin hojjachuu
  • Omisha qulqullina qabuu fi sadarkaa isaa eeggate omishnee dhiyeessuu
  • Bu`aa qabeessummaa fi si`aayinaan hojjachuu
  • Iftoominaa fi itti gaafatamummaa
  • Maammilootaaf dursa kennuu
  • Kabaja fi naamusa ogummaa
  • Jajjabinaa fi Qulqullina miidhagina waliin

FAAYIDAA

  • Ga’umsaa    fi  amala gaarii
  • Maammiltootaaf dursa laachuu
  • Iftoominaa  fi kaka’umsaan hojjachuu
  • Amanamummaa  fi  ittigaafatamummaa
  • Bu’aaqabeessummaa fi si’aa’inaaan   hojechuu
  • Duudhaa kubbaaniyichaa keessatti muraasniif  murteessoon
  • Omishaalee  qulqullinaa fi sadarkaa isaa kan  eegatee omishee dhiyyeessudha

GALMA

Galmi keenya muxannoowwan hanga ammaatti arganne irraa barachuun bu’a qabessumma keenyaa bifa ittifuufinsa qabuun akka guddacha deemu carraawwan biyyattiin guddina diinagdeetiin mirkaneessaa jirtutti fayadamuun biyyatti keessatti kubbaaniyyaa omisha ujummoo sibilaa qulqullinni isaa yeroo mirkanaa’e fi dabalaa deemu dhiyeesudha.

OOmisha KEENYA keessa

NU QUNNAMAA!